Itiyoophiyaan Dhaabbilee liqeessitootaa irraa liqaa doolaara biiliyoona 1.5 argachuuf walii galuu ishee Baankiin biyyaaleessaa Ishee beeksiise.
Bulchaan baankii biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Maammoo Miratuu Roobii kaleessaa akka beeksisanitti Biyyattiin yeroo amma rakkoo maallaqaa kan qabdu walii galteen liqaa dhaabbilee liqeessitoota waliin maallatteessite doolaarri biiliyoona 1.5 yeroof boqonnaa kennaaf jedhan. Itti dabaluunis tajaajila liqaa yeroof addaan kutuu galmaan gahuu danda’uu keenyaan maallaqa doolaara biiliyoona 1.5 silaa kan gara liqaa kaffaluutti deemu qusachuu dandeeneerras jechuun koree bakka bu’oota uummataaf ibsaniiru Maammoo Miratuu.
Itiyoophiyaan Faayinaansii biyyoota Afirikaan baay’ina Uummataan sadarkaa lammaffaa irrattti argamtu waldhabdee waggoota lamaaf Kaaba biyyattii keessa tureen hedduu miidhamteetti. Naannoowwan waraanni kun tures deebisanii dhaabuudhaaf Itiyoophiyaan maallaqa doolara biiliyoona 20 akka ishee barbaachisu beeksiisuunn ishee ni yaadatama.
Biyyi hulaa galaanaa hin qabne Itiyoophiyaan liqaan biyyoota alaa fi dhaabbilee liqeessitootaarra irra jiru Doolara biiliyoona 28 irra gaheera. Kana keessaas doolaara biiliyoona 14 kan liqeesseeruuf Chaayinaadha.