Ministirri humna Waraanaa Israa’eel Afaan Hibiruun fuula miidiyaa Tiwuuterii irratti akka maxxansanittio “Fedhii gidduu seentoota keenyaan aakkasumas Adeemsa namoota ukkaamsamanii hiiksiisuu itti fufsiisuu fi haala walii galtee sanaa hordofuun waraana dhaabuun itti fufa jedhaniiru.
Ibsichi kan ba’e guyyaan waraana dhaabuu isaanii itti labsan dhumatuuf daqiiqaan 15 yommuu hafuttidha. Israa’eel namoota gama Hamaasiin aakka gadhiifaman gaafaterratti gammachuu akka hin qabne gabaafameera. Akka Hamaas jedhhetti Israa’eel dubartoota Torbaa fi daa’imman akkasumas reeffa garee milishoota isaa sadii yeroo haleellaa boombii Israa’eeliin rukkutaman akKa gadhiisan gaafatame hin gadhiisne jedha. Hamaas Ibsa isaa keessatti dubartoonnii fi daa’imman to’annaa Israa’eel jiran ammayyuu kan hin gadhiifamiin 10 ta’uu beeksiseera.
Ministirri hajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Anteenii Biliinken Kamisa kana pireezidantii Israa’eel Isaak Herzoog waliin Tel Aviv tti wal arganiiru. Dubbii isaanii jalqabaa keessatti Antenii Biliinken waraana dhaabuun sun bu’aa fiduu isaa fi itti fufuu akka qabaus Yuunaayitid Isteetsi ni amanti jedhanii , Torban darberraa kaasee jijjiramoota argaa jirra namoonni ukkaamsanii turan deebi’anii maatii isaanii waliin wal arguu danda’uu isaanii, Gargaarsi namoomaa namoota nagaa Gaazaa keessa jiraniif qaqqabuu danda’eera kuni itti fufuu qabas jedhaniiru.
Herzog pireezidaantiin Israa’eel gama isaatiin Kamisa kana ganama Yeruusaleem keessatti namoonni Paaleestiin lama kanneen qawwee hidhatan dhukaasa bananiin namoota nagaa sadii ajjeesuu fi kanneen baay’ee ta’animmoo madeessuu isaanii ibsanii waraanichi dhuma kan hin qabne ta’uu isaaf kun fakkeenyas jedhanii Israa’eelis kanaafidha shoroorkessitoota waraanti keessumaa Hamaasiin jedhan.
Gareen milishaa Hamaas guyyaa Roobii kaleessaa namoota to’annoo isaa jala turan namoota 16 dabalataan gadhiiseera.
Gama Israa’eeliinimmoo Kamisa kana ganama lammiilee Paaleestiin kanneen mana hidha keessa turan 30, Rogeessa Paleestiin beekamaa Aheed Tamini dabalatee gadhiisteettti.
Walii galtee waraana dhaabuu guyyoota Afuuriif taasisan keessatti Israa’eel lammiilee Paalestiin kannneen To’annaa ishee jala jiran 50, Hamaasimmoo lammiilee Israa’eel
kanneen to’annaa isaa jala jiran 150 gadhiisuuf akkasumas garagaarsi namoomaa Gaazaa wraanaan rukkutamte akka qaqqabudha. Guyyaan waraana dhaabuu dabalataa lama itti dabalamee guyyaa ja’affaa isaa kan qabate amma haala amma walii galaa jiraniin immoo guyyoota Kudhan ta’a.
Waraana dhaabuun guyyoota jahaaf taasifameeru Gaazaa halleellaa lafoo fi xiyyaaraan nagaa dhabdee turteef boqonnaa kenneera.