Lolli Haamaas fi Israa'el Gidduu Gaazaa Keessatti Deebi'ee Jalqabe

  • VOA

FAAYILII: ) Rookeettiinn dugdee Gaazaa Irraa gara Israa'elitti har'a Muddee 1, 2023 ennaa furguggifamu (Suraa AP

Lolli Hamaas fi Israa’el gidduu Gaazaatti deebi’ee eegaluu isaa Raayyaan Ittisa Israa’el Jimaata har’a ibseera.

Waraanni Israa’el akka jedhutti, Hamaas waliigaltee yeroof tolfamee cabsee Israa’el irratti haleellaa rookkeettii banuu isaa hordofee wal waraansii Irra deebiin jalqabuu isaa ibsee jira.

Sagaleen wal waraansaa gara Gaazaatti deebi’ee osoo jiruu illee, maanguddonni biyyoota addunyaa lola kana xumura itti tolchuuf marii itti fufaniiru.

Waraanni Israa’eel waltajjii miidiyaa hawaasaa kan duraan Tiwiitara jedhamuun beekamu irratti, rookkeettii Gaazaa irraa furguggifamee “milkaa’inaan gidduu seenee fashaalsiseen jira jedhe.

Haleellaa rookkeetaa kanaaf, itti gaafatamummaa Hamaas battalumatti fudhate hin dhaga’amiin jira.

Ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, haleellaa Jimaata har’a raawwatame sa’aatii isaan jalqabaa keessatti, yoo xiqqaate namoonni 32 du’aniiru.

Barreeffamoota Israa’el Gaazaa kibbaa Khan Younis keessatti facaafte, namoonni achi jiran nageenya isaaniif jecha gara kibbaatti fagaatanii akka imalan gorsaa jiru.

Gabaasni Gaazeexaan Niiw Yoork Taayims akka jedhetti, Israa’el Hamaas ishee irratti haleellaa raawwachuuf akka yaadu dursitee beekti, Israa’el garuu karoora kana “hawwii qofa” jechuun fudhatama dhabsiifte.

Dubbi himaan Yuniiseef (UNICEF) Jeems Eldeer, viidiyoo Twiitara irratti maxxanfameen, hospitaala Gaazaa “guddaa, ammallee hojjechaa jiru” irraa akka jedhetti “Hospitaalli kun salphaatti daa’imman wal waraansaan madaa’an dabalataan fudhachuu hin danda’u.” Boombiin “hospitaala kana irraa meetira 50 fagaatee” akka darbatamaa jiru dubbatan.

Akka eldeers jedhanti, Warra dhiibbaa gochuu danda’an tarkaanfii fudhachuu dhabuun kun, daa’imman akka ajjeefaman hayyamuudha. Kun lola ijoollee irratti gaggeeffamaa jiruu dha jedhan.