Beela Tigiraayiif Yoo Xiyyeeffannoon Hin Kennamne Namoota Kuma Kurnaan Lakkaawaman Fixuu mala: Mootummaan Yeroofii Ka Naannichaa

  • VOA

Faayilii: Prezidaantii Yeroo kan naannoo Tigraay obbo Geetaachoo Redaa

Beellii naannoo Tigraay keessaati mulachaa jiru yoo xiyyeeffannaan kennameefii irratti hin hojjatamu ta’ee lubbuun namoottan hedduu akka darbuu danda’u prezidaantiin bulchiinsaa yeroo naannichaa obbo Geetachewu Raddaa ibsani jiru.

Sababa hongeetiin kan ka’ee balaan beelaa umame kun akka lubbuu namoottanii dabalataan hin galaafanne irratti hojachudhaaf jechaa koree biyyaalessaa kan sadargaa naanichaa undeesuudhaaf walgahiin marii waamamuu isaa kan ibsan obbo Geetaachewu Raddaa, “ beellii cimaan nu muudateera, nomoonni qabatamaan du’aa jiru, waan kana Ajandaa biyyaalesaa taasifnee yoo fudhanee hin sochoone du’a namoottan kumaatamaan lakkawamuu keessumeessuu dandeenya” jechuun isaanii beekameera.

Naannoo bulchiinsa Tigraayiti komishinerii bulchiinsa Ittisa balaa kan ta’an, dokteer Gebrehiyiwot GebreIgizi’abiher sagalee Amerikaatiif ibsa kennaniin , ganna darbe keessaa godinaalee bahaa, Kibbaa fi kibba bahaa keessatti roobinni waan hin turreef anaalee 31 keessatti kan argaman gandaawan 196 keessatti abbootiin warraa kuma 100 fi kuma 14 beelaaf saaxilamanii, namoottan du’aa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Komishineerich dabalanii akka ibsanitti, godinaalee naannichaa Kaaba dhihaa fi kan walakeessaa keessatti roobnii yeroo isaa hin eegganne roobuu isaatiin kan ka’e midhaan ohuuruu irraa jiru irraa miidhaan gahuu isaa Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera