Naannoo Oromiyaa godinaa Arsii bahaa aanaa Shirkaa keessatti guyyaa kaleessa ganama namoonni Shan hidhatootaan ajjeefamuu isaanii Jiraattonni beeksisanii jiru. Aanicha keessatti Ajeechaan dhiheenya kana yemmuu raawatamu isa lammataa yemuu ta’u, namoottan 36 Sadaasa 13 amma 17 barra 2016 gidduutti ergaa ajjeefanenii booda akka ta’e kan ibsan jiraattonni sababa kanaan namoottan hedduun jireenyaa isaanii irraa buqa’anii akka baqaqchaa jiran himaniiru.
Ajjeechaan kaleessa kan raawwate yemmuu umnoottan nageenyaa kan mootummaa waa’ee nageenya irratti jiraattota waliti qabanii maryachiisaa turanitti ta’uu isaa kan ibsan jiraattonni manoottan jireenyaas gubachaa akka turan himaniiru.Ajjeechaa godina baha Arsii keessatti raawwachaa jiru kan ilaalchisuudhaan ibsa kan baase waldaan Amantaa Ortodokisii Ityoophiyaa haleelichi hordoftoota amantaa Ortodoksii irratti kan raawwateedha jedhee jira. Ajjeechaa kana ilaalchisee, mootummaa naannoo Oromiyaa irraas tahe qaama mootumma ka biraa irraa deebii argachuuf carraaqqiin goone hin milkoofne. Torban dabre, ajjeechaa godinaadhuma kanatti raaw’atame ilaalchisuun gaaffii sagalee Amerikaa irraa dhihaateef deebii kan kenna itti gaafatamaan biiroo Kominikeshiinii naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa haleelicha kan raawwate garee hidhatootaa mootummaan “Shanee” jedhee waamuu ta’uu isaa ibsaniiru. Kan gama Waraana Bilisummaa Oromootii deebii kennan dubbi himaan idilee adduunyaa WBO obbo Odaa Tarbii, aanaa Shirkaa keessatti kan namoottan nagaa Ajjeesaa jiru mootumaadha. WBOn gochaa kana keessaa harka hin qabu, jechuun haalanii turan. Komishiinin mirga namoomaa Ityoophiyaa Ajjeechaa kana ilaalchisee odeeffannoo argachuu isaa himee qorannoo taasisaa jiraachuu akka beeksise kan Gabaase Kenedii Abaatee ti.