Loltoonni Israa’elii fi hidhattoonni Hamas Roobii har’a naannoo Gaazaatti kan wal waraanan yoo ta’u, kunis lammiilee nagaa kan Falasxiin daahannaa fi gargaarsa namoomaa argachuuf rakkina guddaa keessa jiran irratti, dhiibbaa guddaa geesisaa jira.
Waraanni Israa’el har’a akka jedhrrtti, guyyaa darbe kana Gaazaa keessatti maadheelee Haamaas gara 250 ta’an irratti, haleellaa xiyyaaraa raawwachuu isaa ibseera.
Tokkummaan Mootummoota akka jedhtti, Wiixata dabree waaree booda irraa eegalee, haleellaan boombii fi waraana lafoo Israa’el Gaazaa irratti gaggeessaa jirtu haalaan cimsuu isaa, fi dhukaasni rookkeettii hidhattoonni Falasxiin gara Israa’elitti dhukaasuun dabaluu isaa gabaaseera.
Qondaaltonni waraana Israa’el akka jedhanitti, humni isaanii magaalaa Gaazaa gama kibbaa keessatti argamtuu fi guddinaan sadarkaa lammaffaa irra jirtu, Kahaan Younis, marsanii jiru.
Wal waraansii Gaazaa Kibbaa keessatti babal’achuun isaa kun, jalqaba irratti xiyyeeffannoon, magaalaa Gaazaa dabalatee naannoolee gama kaabaa irra ture hordofeeti. Akkasumas ajaja waraanaa Israa’el torban hedduudhaaf kennaa ture, kan akka lammiileen nagaa lola irraa fagaachuuf jecha gara kibbaatti akka ce’an kenne hordofee kan dhufee dha.
Tokkummaa Mootummootaatti, kan baqattoota Falasxiiniif hundeeffame akka jedhutti, namoonni tilmaamaan miliyoona 1.9 ta’an Gaazaa keessaa buqqa’aniiru, kunis uummata iddoo sana turan keessaa harka 85 kan ta’u yoo ta’u, isaan keessaa miliyoona tokko, bakka daahannaa Tokkummaa Mootummootaa kan Gaazaa gama kibbaa keessa jiruutti galmaa’aniiru.
Waajjirri qindeessaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa (OCHAn) Kibxata kaleessaa galgala akka jedhetti,sababa wal waraansa gaggeeffamaa jiruun, guyyaa sadiif walitti aansuun gargaarsa raabsuun kan danda’ame Gaazaa Kibbaa naannoo Rafaah qofa ta’uu ibseera.