Gujii Lixaa Aanaalee Lama Keessatti Dhibeen Koleeraa Lubbuu Galaafataa Akka Jiru Jiraattonni Dubbatan

Your browser doesn’t support HTML5

Gujii Lixaa Aanaalee Lama Keessatti Dhibeen Koleeraa Lubbuu Galaafataa Akka Jiru Jiraattonni Dubbatan

Naannoo Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaa Abaayyaa fi Galaan keessatti dhibeen koleeraa lubbuu namootaa galaafachaa jira jechuun jiraattoonni sagalee Ameerikaaf himaniiru. Biiroon fayyaa Oromiyaa godina kanatti sababa dhibee koleeraatin baatiiwwan darban keessatti lubbuun namoota 25 darbuu ibse. Itti aanaan itti gaafatamaan biiroo fayyaa Oromiyaa Dr.Tasfaayee Kabbabaaw dhibee koleeraa kana ittisuuf talaallin torban tokko dura godina Gujii lixaatti eegalameera, jedhu.