Koreen Fannoo Diimaa Idiladdunyaa Dilbata Magaalaa Kaaartum Keessatti Konkolaataan Gargaarsaa Haleelamuu Beeksise

  • VOA

FAAYILII: Kaartuum

Halleellaa magaalaa Kahaartuum keessatti raawwatame kanaan bakka Al Shajara jedhamutti namoonni lama yommuu du’an , hojjettoota dhaabbata Fannoo diimaa Sadii dabalatee namoonni torba madaa’aniiru.

Akka Ibsa dhaabbata Fannoo diimaatti , konkolaattoonni gargaarsa namoomaa fe’an kan koree fannoo diimaa Idil addunyaa sadii fi Awutoobisoonni geejibaa sadii ifatti aasxaa Fannoo diimaa ofirraa qaban qiyyaafannaa haleellaa kanaa turan jedhee , wayita haleellaan kun irratti raawwatamuttis namoota nagaa kanneen wal waraansa Sudaan keessaan miidhaan irra ga’e Dhibbaa ol ta’an Kahaartuum irraa gara Waad Madaniitti baasaa wayita jiramuttidhas jedheera.

Hoogganaan Jila koree Fannaoo diimaa idil Addunyaa Sudaan keessa jiranii Piyeer Doorbees halleellaa akkasii fudhatama hin qabu jedhanii , gadda guddaa keessa seenneearras jedhan. Asxaan Fannoo Diimaa akkaataa seera Idil Addunyaatiin kabajamuu fi eegumsi taasifamuufii dhabuun hedduu nama rifaasiisas jedhanii ergamni keenya har’aa namoota nagaa kana gara bakka nagaatti geessuu ture. Sun hafee garuu lubbuun namoota nagaa Kun galaafatamuun nama gaddisiisa jedhan. Ibsi Fannoo diimaa Kun halleellaan irratti raawwatamuu malee qaama kamiin akka irratti raawwatame hin ibsine.