Sababa Gaazaa keessatti wal waraansi cimaan humnoota garee Hamaasii fi Israa’eel gidduutti taasifamaa jiruuf raabsiin gargaarsa namoomaa baay’inaan dhaabbatee jira jedhe waajjiri qindoommina gargaarsa namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii. Akka ibsa waajjirichaatti daandiiwwan gurguddoon sababa wal waraansaa kanaan cufamuu irraan kan ka’e naannoo Raafaa kan daangaa Masirii irrratti argamuun alatti gargaarsi namoomaa kennamaa hin jiru jedheera.
Namoonni tilmaamaan miiliyoona 1.9 ta’an sababa wal waraansaa kanaan qe’ee isaaniirraa buqqa’anii akka jiranii fi hedduun isaanii gara kibba Gaazaatti baqachuu isaaniirraa kan ka’e da’annoo jireenyaa namoonni barbaadan hedduu akka ta’an kan ibse waajjiri qindeessaa gargaarsa namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii hanqina qulqullinaarraa kan ka’eenis dhukkuboonni daddarboo uumamu sodaan jedhu yaaddoo isaa akka ta’es eereera.
Yuunaayitid Isteetsi Dilbata kaleessaa akka beeksifteetti waraanni Israa’eel lammiilee Paaleestiin nagaaf eegumsa taasisuu isa jedhu cabseera jetteetti. Ministirri haajaa alaa Amerikaa Antenii Bilinkeen madda oduu CNN tti akka himanitti namoonni nagaa eegumsa argachuun dirqama jedhanii Israa’eel haleellaa hidhattoota Hamaas irratti fudhattu itti fuftee jirti garuu , namoota nagaa Paalestiiniif eegumsa taasisuu irratti garuu hanqinni jira jedhaniiru.
Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii murtii wixinee Gaazaa keessatti gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf dhukaasni akka dhaabbatu kan taasisu yaa’ee hatattamaa kan walii gala Kibxata dhufutti ni taa’a jedhamee eeggama.
Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Tewoodiroos Adhaanoom Dilbata kaleessaa Ibsa kennaniin haalli fayyaa Gaazaa keessaa balaa guddaa jechuun ibsanii , fooyyeessuufillee haala hin danda’amnerra ga’eera jedhan.
Ministirri Fayyaa Garee Hamaasiin hoogganamu akka ibsetti torbanoota Torba darban keessatti namoonni Paleestiin 18,000 sababaa wal waraansa kanaan du’aniiru. Warra du’an kana keessatti immoo baay’inaan daa’immanii fi dubartoota ta’uus ibseera.