Mootummaan Diroonii Fayyadamuudhaan Hidhattota Akka Haleelaa Jiru Hoogganaa Ol’anaan Waraana Itiyoophiyaa Mirkaneessanii Jiru

  • VOA

Faayilii: Fiild Maarshaal Birhanuu Juulaa

Lola naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti taasifamaa jiru irratti waraanni mootummaa xiyyaara nam-malee ykn Diroonii akka fayyadamaa jiru Fiild Maarshaal Birhanuu Juulaa mirkaneesanii jiru.

Hogganaan hogganootaa waraanaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa Ibsaa dhaabbata midhiyaa Faana Brood kaasitiing jedhamu irraatti lola naannoo Oromiyaa fi Amaara keessatti taasifamaa jiru ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin, lola hidhatootaa wajjin taasisaa jiranuun bakka barbaachisaa ta’etti diroonii fayyadamuudhaan haleella taasisaa akka jiran beeksisaniiru.

Bakkaawan lolli taasifamaa jiru irratti haleella Diroonii dhaan taasifamuun namoottan nagana ajjefamaa akka jiran jiraattonii fi dhaabbileen mirga namoomaa ibsaa jiraachuun isaanii ni beekama. Akka lakkofsaa Ityoophiyaati Sadaasa 30 bara 2016 bakkaawwan godina Walloo kibbaa keessatti haleelaa diroonii raawwatameen namoottan nagana ajjefamuu isaanii jiraattota waabefachuudhaan VOAn gabaasuun isaa ni yaadatama.

Namoottan nagaa irratti miidhaa qaqqabaa jiruu ilaalchisuudhaan deebii akan kennaan Fiild maarshaal Birhaanuu Juulaa, waraanni isaanii yemmuu Diroonii fayyadamu namoottan nagan akka hin miidhamne of eegannoo taasisaa jira jechuun isaanii gabaasameera.

Marii nageenyaa WBO wajjin taasifamu ilaalchisee kan gaafataman Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, mariin marsaa sadaffaa inni xumuraa jiraachuu akka danda’u dubbachuudhaan, marichis isa xumuraa akka ta’u himuu isaanii gabaasinii Kenedii Abaatee ibseera.