Riphxeelooltonni Huuttii kan Yaman keessaa, Galaana Diimaa kan daldala addunyaaf wirtuu ta’e keessatti, doonii haleelanii jiran. Yunaaytid Isteetis immo deebii barbaachisaa har’a laachuu ishee beeksiiftee jirti.
Erga waraanni Israa’el fi Hamaas giddutti baatii Onkolooleessa dabree jalqabamee as, doniwwan Israa’eltti hidhata qaban irratti qiyyaafachuun haleellaan gaggeeffamu dabalee jira.
Garuu haleellaan misaa’elaa dhiheenya kana gaggeeffame doonii Noorweey kan Israa’el waliin hidhata ifa ta’e tokko hin qabnee rukutee fi balaan geesisuu bal’achaa dhufuun yaaddoo uumeera.
Gama kaaniin Ameerikaan Roobii kaleessaa waamicha Donii alaabaa Odoola Maarshaal qabdu kan Galaana Diimaa gama kibbaa irraa dhufeef deebii kennuudhaan, xayyaara nam-maleeyyii ykn Droonii naannoo Huutiin to’atame irraa furguggifame kuffisuu ishee, Ajajni waraanaa kan Ameerikaa Waaltaa (CENTCOM) Kamisa har’a ibsee jira.