Vilaadmiir Puutiin Kaayyoon Isaan Yukireen Irratti Qaban Akka Hin Jijjiiramne Dubbatan 

  • VOA

FAAYILII: Prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Kamisa har’aa ibsa konfiraansii irratti kennaniin, kaayyoon isaanii Yuukireen irratti qaban kan hin jijiiramnee fi Kaayyoon isaanii hanga galma ga’uttis nageenyi hin jiraatu jechuun dhaaddatan. Puutiin aangoo pirezidaantummaa erga qabatanii waggoota 24 isaan guutuuf kan deemu dhiyyeenya kanas ammas irra deebiin filannoo pireezidaantummaaf akka dhiyaatan beeksisaaniru.

Wayita gara Konfiraansii isa Magaalaa Mooskoo keessatti qophaa’eetti seenaniins namoonni galmicha keessa jiran harka walitti rukutuun simannaa ho’aa taasisaniruuf. Haasaa Konsfiraansii kanarratti dhageessisaniinis Kaayyon Mooskoo, Kaayyoo Naazii hambisuu, Hidhannoo hiikkachiisuu fi Yuukireen sadarkaa gidduu galeessaatti fiduudha .Kunimmoo hin jijjiiramnes jedhan.Puutiin Yuukireen akka NATO tti hin dabalamne kan fedhan ta’uu himanii hanga kaayyoon keenya galmaan hin geenyettis nageenyi hin jiraatu jedhaniiru.