Mareen dhimma nageenya Itiyoophiyaarratti xiyyeeffate kaleessa Washington waajjira muummee Sagalee Ameeriakatti gaggeeffamee jira. “Itiyoophiyaatti Daandiilee Gara Nagaa, Waliigaltee Priitooriyaa tii booda”mata duree jedhuun marii Sanbata dabre gaggeeffamee fi kaleessaa sagantaa Afaan Amaaraa irratti tamsaasame kanatti qaamota hawaasa adda addaa Ameerikaa jiraatan, ogeeyyiin seeraa fi siyaasaa tu hirmaate. Dhaggeeffatoonni sagalee Ameerikaa maree kana hordofan mariachi baayyee barbaachisaa tahuu eeranii, kana boodas saboonni hafan kaanii fi qaamoleen hawaasaa biyyattii keessa itti hirmaachuu qaban, jedhan.