Paartiin mormituu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) naannoo Oromiyaa keessatti ji'a tokko darbe kana keessatti haleellaa qilleensaarraanii fi meeshaa gurguddaatiin geggeeffameen namoonni nagaan 150 ol tahan ajjeefamaman, jechuun ibsa baasee jira. Ajjeechaale raaw’atamanii fi badii qaqqabe hundaaf humnoota mootummaa itti gaafataama, jedhe – ABO’n. Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa immoo tarkaanfiin waraana fuhdatame lammiilee nagaa irratti ka xiyeeffate otuu hin taane, hidhattoota “Shanee” ittiin jedhanii fi seelota yokaan caayaalee isaanii irratti akka tahe dubatan.
Oromiyaa Keessatti Baatii Dabre Haleellaa Qilleensarraa fi Meeshaalee Guguddaan Raaw’atameen Namoota Nagaa 150 Ol Tu Ajjeesame, Jedha ABOn
Your browser doesn’t support HTML5