Godinaa Hadiyyaatti Keessatti Dargaggoonni Lakkoobsi Isaanii Hin Beekamiin Ajaja Mana-Murtiitii Ala Hidhamuu Maatiin Isaanii Dubbatan 

  • VOA

HADIYAA

Naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaa , godina Hadiyaatti dargooggoonni lakkoofsi isaanii ifatti hin beekamne Ajaja mana murtiin alatti hidhamanii akka jiran maatiin himan.

Dargaggoonni manneen hidhaa keessa jiru jedhaman kunneen kanneen Godinicha keessatti hojimaata badaa qqamoolee mootummaan raawwataman, kanneen miindaan hojjeetootaa akka yeroon kaffalamu gaafatan, qonnaan bultoonni Xaa’oo yeroon akka argataniif yaada isaanii ibsatanidha jechuun maatiin sagalee Ameerikaatti himaniiru. Kana malees miidiyaa hawwasaa fayyadamuun angawoota mootummaa qeeqaniiru kanneen jedhaman warra hidhamanii jiran keessatti argamus jedhameera. Dhimma kanarratti angawoota Godina Hadiyaa gaafachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne. Pireezidaantiin bulchiinsa naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaawu Xaaseew tibba darbe bakka bu’oota Uuummata waliin wal ga’ii magaalaa Hosaa’inaarratti taasisaniin dargaggoonni godina Hadiyaa dabalatee angawaan mootummaa hojii isaa akka hin hojenneef danqaa turan 276 to’annoo jala oolfamuu isaanii ibsaniiru jechuun Hawaasaarraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.