Naannoo Oromiyaa godina Shawaa lixaatti, bulchiinsi Aanaa Gindabarat ibsa kenneen, bara 2013 irraa eegalee namoonni sababa wal dhIbdee mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti adeemsifamaa jiruun qe’ee isaanii irraa buqqa’an 10,000 ol magaalaa Kaachiis keessatti faffaca’anii jiran, gargaarsa barbaadu,” jedhee jira.
Kantiibaan magaalaa Kaachiisii obbo Tafarraa Doqqosoo, “namootni kun hidhattoota WBO dheessuu dhaan manaa fi qehee ofii irraa buqqa’an,” jechuun Sagalee Ameerikaaf ibsan.
Jiraattonni gama isaaniin keessattuu gandoota gammoojjii bakkawwan Waraanni Bilisummaa Oromoo baay'inaan keessa socho’a jedhamutti, rakkoon mootummaa fi hidhattoota WBOtiin haawasa irra gaha jedhan dheesuun akka buqqa’an dubbatan.