Bulchiinsa naannoo lameen kana irraa kan hafee, bulchiinsa naannoo biraa fi bulchiinsa magaalaalee keessatti, hojiin hirmaattootaa fi ajandaa marii adda baasuu gaggeeffamaa akka jiru, komiishiinichi ibsa Gaazexeessotaaf har’a ibsa kenneen hubachisee jira.
Ibsa kanas kan kennan dubbii himaa komiishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa naannoo Amaaraa fi Tigraay keessatti hojii isaanii haala itti fufuu danda’an irratti qaamoota adda addaa waliin mari’ataa jirra jedhan.
Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti hojii komoshiinichaa kan danqee baatileef gaggeeffamaa kan jiru qabsoo hidhannoo ta’u isaafii, Tigraay keessatti immoo wal waraansa gaggeeffame sana booda haala jiruu fi sababaaleen kan biraanis akka jiran Obbo TXibabuu aaddasaa ibsanii jiru.
Guutummaa Itiyoophiyaa keessatti, sadarkaa adda addaa ta’een hojiin gaggeeffamaa kan jiru aanaalee 700 keessatti ta’u ibsan. Qabsoon hidhannoo bakka adda addaaatti keessatti itti gaggeeffamaa kan jiru Oromiyaa keessatti, aanaalee 379 keessaa harka 45 kan ta’an aanaalee 171 keessatti, namoota irratti hirmaatan hojiin adda baasuu gaggeeffamaa akka jiru ibsamee jira.
Lasiin eega hundeeffamee waggaa sadii guutuuf yeroo baatii sadii gad kan qabu komishinni kun, waggaa sadiif kan hundeeffamee ta’uus, akka karoora baafateetti deemuuf walitti bu’iinsii biyyatti keessaa danqaa itti ta’u ibseera jechuun ibsee jira jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.