Yuukireen keessatti horodftoonni amantaa ortodoksii kanaan dura guyyaa Kiriismasii ykn dhaloota Yesuus Kiristoos Amajjii 7 Raashiyaa waliin kabajan bara kana Mootummaan jijjiiruun guyyaa har’aa Mudde 25 akka kabajamu taasifameera. Kbaja Ayyaanichaarrattis hordoftoonni Amantaa Ortodooksii baay’een tajaajila mana amantichaa fi kabaja ayyaanichaa irratti hirmaataniiru.
Kabaja Ayyaanichaa sababeeffachuun Pireezidaantiin biyyattii Voloodiyiimiir Zeleeneskii ergaa dabarsaniin “ Yuukireenoonni hundi waliin jirra, Hundi keenya Ayyaana Kiriismaasii waliin kabajne.Guyyaa tokkotti, akka maatii tokkootti. Akka saba tokkootti fi akka biyya tokkoomteetti.” Jedhaniiru.
Waldaaleen ykn Charchiiwwan baay’een Yuukireen keessa jiran baay’inaan Amajjii 7, guyyaa Kiriismasii kabajatu. Jireenya Isaanii guyyaa guyyaa keessattis Kalaandaarii Biyyoota Warra lixaarra kan warra Giriigooriyaanii fayyadamu.
Zeleeniskiin Pireezidaantiin Yuukireen Ji’a Adooleessa keessa seera mallatteessaniin lammiileen Yuukireen Hambaa Raashiyaa Ayyaana Kiriismasii gaafa Amajji 7 kabajamu irraa gara gaafa Muddee 25 akkabiyyoota warra lixaatti akka kabajamu murteessaaniiru.