Humni Waraanaa Yunaayitid Isteetis Haleessa Iraaq keessatti Garee Milsihsaa Iraaniin Dggeramurratti Haleellaa Geggeessuusaa Beeksise

  • VOA

Faayilii: Haleellaa Yunaayitid Isteetis Hillaa irratti raawwattee booda Suraa haala jiru Mul'isu Muddee 26, bara 2023

Humnoonni Yunaayitid Isteetis garee Milishaa Iraaniin deggeramu – Hizbollaatti xiyyeeffachuun kaleessa Iraaq keessatti haleellaa geggeessanii jiran. Haleellaan kunis, haleellaa diroonii Hizoboollaa irraa loltoota Yunaayitid Isteetis Iraaqii fi Siiriyaa keessa jiran irratti geggeessamee loltoota 3 madeesse haaloo bahuuf akka tahe, Yunayitid Isteetis beeksistee jirti.

Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteetis, Looyid Oostin, ibsa baasaniin akka jedhanitti, haleellaaleen xayyaaraa Yunaayitid Isteetis geggeessaman sun, maadheelee sadii kan gareen Qaaxaayib Hizbollaa fi gurmuuleen isatti hidhata qaban itti fayyadamaniiti xiyyeeffatan.

Dubbi-himtuun Gumii Naga-eegumsaa Biyyaalessaa Yunaayitid Isteetis, Adiri’een Waston gama isaaniitiin, kan hidhattoota fiinxaaleyyii Iraaniin deggeramaniif akka gaaddiisaatti tajaajilu – gareen Qaaxaayib Hizbollaa, haleellaa Wixata kaleessaa geggeessame sanaaf itti-gaafatamummaa fudhachuu isaa fi haleellaalee sanaan kanneen dhahaman loltoota Yunaayitid Isteetis sadii keessaa tokko jabaa miidhamuu beeksisanii jiran. Waraanni Yunaayitid Isteetis, haleellaalee akkanaa hedduu geggeessaman otuu miidhaa hin geessisiin akka fashalsiisaa ture dubbata.

Mootummaan Iraan ammoo haleellaa haaloo-bahinsaa Yunaayitid Isteetis kanaan “gochaa hookkaraa” fi birmadummaa daangaa Iraan cabsuu dha – jechuun balaaleffatee jira.