Itiyoophiyaan Idaa Dhala Liqaa Yeroon Baasuu Dhabuun Ishee Dadhabdee Akka Hin Ta’iin Dubbatti

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaan Idaa Dhala Liqaa Yeroon Baasuu Dhabuun Ishee Dadhabdee Akka Hin Ta’iin Dubbatti

Itiyoophiyaan Yeroon liqaa irra jiru kaffaluu akka dheereffamuuf dhaabbilee liqeessitootaaf gaaffii dhiyyeessuu ishee ji’a kana jalqabarratti beeksiiftee ture. Akka gabaasa Oduu Reyooters kaleessaattimmoo Itiyoophiyaan liqaa dhaabbilee dhuunfaarraa Yuuroo boondiin liqeeffatteettu kaffaluu hanqachuu isheetiin biyyoota Afiriikaa liqaa isaan irra jiru osoo hin kaffaliin hafan keessaa ishee Sadaffaa taatteetti jedhe. De’eetaan Ministira Faayinaasii Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalinyi ammoo Itiyoophiyaan walii galaan dhaabbilee liqeessitootaa waliin mariirra waan jirtuuf malee liqaa kaffaluu dadhabdee miti jedhu. Dhimma kanarratti waan qindeeffanne qabna kanatti aanee dhiyaata.