Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti Haleellaa “Hidhattoota Fannoon Raaw’atame” Jedhameen Namoonni 12 Ajjeesamuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti Haleellaa “Hidhattoota Fannoon Raaw’atame” Jedhameen Namoonni 12 Ajjeesamuun Himame

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti jalqaba torba kanaarra haleellaa “hidhattoonni Faannoo raaw’atan” jedhameen namoonni nagaan 12 ajjeesamuu fi kanneen biroon 12 madeessamuu maddeen hospitaalaa fi jiraattoonni VOAtii himanii jiru. Hospitaala magaalaa guddoo aanichaa, Gundoo Masaqalatti keessaa kan hojjetan – ogeessi fayyaa yaaddoo nageenya isaaniitiif maqaan isaanii akka ifatti hin feene Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin namoonni sadii hospitaala osoo hin ga’iin akka dua’anii fi kanneen biroon 12 ammoo wal’aansa irra akka jiran himan. Haleellaa rawwatame jedhame kana ilaalchiisuun hidhattoota Faannoorraa odeeffaannoo argachuuf yaaliin goone hin milkoofne. Waajira dhimma nageenyaa aanaa Derraa fi bulchiinsa aanichaa akkasumas Godina Shaawaa kaabaa, akkasumas waajira nageenyaafi bulchiinsaa Oromiyaarraa deebii argachuuf yaaliin goone hammaaf hin milkoofne.