Poolisoonni Koongoo Hiriira Mormii Dhorkame Ka Dhimma Filannoo Humnaan Facaasan 

  • VOA

FAAYILII: Hiriira Mormii Koongoo

Koongoo keessatti namoota Hiriira nagaa ba’anirratti Poolisiin tarkaanfii fudhateen namoonni baay’een madaa’aniiru. Hooggaanaan paartii mormituu tokkommoo ammayyuu mormii biraaf qopha’aamuu qaba jechuun waamicha dhiyyeessaniiru.

Filannoo Pireezidaantummaa fi kaan seera tumtootaa gaafa Mudde 20 Rippaabulika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti taasifame hordofee biyya durumaanuu rakkoo nageenyaa qabduufi biyya addunyaa irratti oomisha olaanaa Koobaaltii fi albuudaa akkasumas sibiilota Induustirii biroo jalaa gufachiisee rakkachaa jirtu ammas filannoo waliin wal qabatee yaaddoo nageenyaa keessa sentee jirti.

Hiriira nagaa dhorkamee ture Roobii kaleessaa magaalaa guddittii biyyattii Kiinshaasaa keessatti namoota hiriira ba’anirratti poolisiin tarkaanfii fudhateen namoonni hedduun madaa’aniiru. Poolisiin waajjira muumichaa mormituu Martin Fayulu morkataa cimaa Pireezidaantii aangoo irra jiru Feliix siisekediiti kan jedhamutti marsuun namoota hiriira mootummaan dhorkeeru didanii ba’uuf turan irratti dhukaasa banuun gaaza Imimmaansu itti gadhiiseera.

Reyooteers akka gabaaseetti namoonni naannoo waajjira muummichaa kan mormituu kanatti argamaniiranii fi humnoonni nageenyaa dhagaa fi waaantoota biro walirratti darbachuun miidhaa dhaqqabsiisaniiru.