Lola Waggoota Lamaan Booda , Naannoon Tigiraay Tuuristoota Biyya Keessaa Fi Alaaf Banaa Ta'uu Ministarri Tuurizimii Itiyoophiyaa Beeksiise

  • VOA

MAQALEE

Duraan sababa Weerara Koovid 19’n itti aansee wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa keessa tureen tajaajjilli Tuurizimii Naannoo Tigiraay keessatti addaan cite ture akka jalqabamuuf Ministirri Turiizimii Itiyoophiyaa qorannoo taasiisaa ture Kamisa Kaleessaa magaalaa Maqaleetti argamuun Biiroo Turizimii naannichaaf waliin dhiyyeessaan hordofee tajaajjilli Turizimii deebi’ee jalqabama jedhameera.

Obbo Redda’ii Tesfaay Naannoo Tigiraayitti daawwachiisaa yommuu ta’an tajaajjilli Turizimii waggoota Afuuriin booda deebi’ee akka jalqabamu taasifamuu isaatiin abdii akka horatan himaniiru. Aksumitti abbaa qabeenyaa Hoteela Roomaadii kan ta’an obbo Mu’uuz Abrahaa wayita wal waraansichaa hojjetaan hoteelichaa tokko ajjeefamuu himanii hoteelicha hanga ammaatti akka hin miidhamne eegaa turre malee hojii itti hojjechaa hin turre jedhanii tajaajilli Turizimii deebi’ee akka jalqabamu taasiisuun Abdii namatti hora. Garuummoo Abbootiin qabeenyaa hojii kenninsa tajaajilaarratti bobba’anii jiran deeggaramuu qabu jedhaniiru.

Magaalaa Maqaleetti Tigiraayiin Turizimiif deebisanii banuu sagantaa jedhurratti kan argaman Pireezidaantiin yeroo Bulchiinsa mootummaa naannoo Tigiraay Geetachoo Raddaa wayita waraanichaa Naannicha keessatti Hambaalee fi dhaabbileen tajaajila kennan miidhamaniiru. Tajaajjilli Tuurizimii deebi’ee jalqabuun naannichaaf faayidaa diinagdeen qabuun alattis nageenyichi itti fufinsa akka qabaatuufis ga’ee qaba jedhan. Itti dabaluunis qaama Piroojektii “Gebetaa Le Tiwulid” jedhu kan ministira muummee Abiyyi Ahimadiin hoogganamu naannoo Tigiraayitti Ger’altaa jedhamuun Loojiin bashannaanaa Hawuzeenitti ijaarsi isaa jalqabuuf sochiirra jirama jedhaniiru Obbo Geetachoon.

De’eetaan Ministiraa ,Ministira Turizimii Silashii Girmaa gama isaaniin dhaabileen tajaaila kennan fi tajaajjilli geejiba turizimii naannichatti deebi’ee akka jalqabu mur’aatuu isaa mirkaneessaniiru jedha gabaasni Muluugeeta Atsbahaa Maqalee irraa erge