Israa’el Looltoota Ishee Hanga Tokko Gaazaa Keessaa Akka Baaftu Beeksiiste

  • VOA

Faayilii: Muummicha ministeeraa Israa'el Benjamin Natanyaatuu

Israa’el loltoota ishee hanga tokko leenjiif kaan immoo boqonnaaf jecha, Gaazaa keessaa baasuu ishee Wiixata har’a beeksiiftee jirti.Qondaaltonni immoo, lola ji’ootaaf Haamaas irratti fufaniif qophaa’uuf fakkaata jedhanii ilaaluu.

Dubbi himaan raayyaa ittisa Israa’el Riir Admiraal Daani’el Haagaari gaazexeessitootaaf akka himanitti, looltoonni eeggaa ta’anii turan hangii tokko torban kana gara Israa’elitti akka deebi’an himaniiru.

Israa’el michuu ishee olaanaa Ameerikaa irraa haleellaa Gaazaa keessatti gaggeesiitu akka laaffiiftu kunis namoota nagaaf eeggachuuf akka ta’e dhiibbaa irra ga’aa turte.

Hidhattoonni Hamaas naannoo Gaazaa keessa jiran Dilbata kaleessaa rookkeetota hedduu dhukaasuun, saayireniin haleellaan jiraachuu ibsuu guutuu Israa’el keessatti akka dhaga’amu taasiseera. Rokeetoota kanaan Miidhaa dhaqqabe ilaalchisee waan gabaafamee hin jiru.

Humnoonni Amerikaa Dilbata kaleessaa haleellaa hidhattoonni Iraaniin deeggaraman doonii fe’umsaa Maersk jedhamtu Galaana Diimaa keessatti raawwatameef deebii kennuudhaan bidiruuwwan Huutii sadii galaana keessatti akka dhidhiman taasisuu isaanii ibsan.

Ajajni Giddugaleessaa kan Amerikaa akka jedhutti Huutiin doonii Maersk irratti dhukaasuun yaabbachuuf yaalan. Helikooptaroonni humna galaanaa Amerikaa waamicha muddamsuu donitti irraa dhufeef deebii kennanis dhukaasa jala kan galan yoo ta’u, deebi’anii bidiruuwwan Huutii 3 galaanaan nyaachisanii, afraffaan ammoo naannoo sanaa miliqe.

Huutiinn qabsaa'onni isaanii 10 akka ajjeefaman himaniiru.