Gaazexeessaan suuraa kaasuu lammii Afrikaa Kibbaa kan fincila barattootaa Soweto bara 1976 dabalatee bara Appaartaayidii biyyattii kan gabaasaa ture Piiter Magubaanee Wixata kaleessaa umurii isaa 91tti du'aan boqote.
Magubaaneen akkasumas yeroo hogganaan farra Appaartaayidii Nelsen Mandeellaan bara 1990 mana hidhaatii bahanii fi hanga isaan waggaa afur booda pirezidaantii ta'anitti ogeessa suuraa ta’uun tajaajilee jira.
Bara 1969 mana hidhaa Wiini Maandeellaa fi qabsaa’onni mirgaa kanneen biroo itti hidhaman fuulduratti mormii geggeessame utuu gabaasaa jiruu qabame.
Guyyoota 586 kophaa isaatti hidhamee kan ture yoo ta'u, yeroo gadhiifamu waggoota shaniif hojii suuraa kaasuu akka dhaabu ajajame.
Akka tajaajila oduu AFP-tti, Ministirri Aadaa, Ziizii Kodwaa akka jedhanitti, "Afrikaan Kibbaa qabsaa'aa bilisummaa, ogeessa seenaa himuu, sodaa tokko malee jal'ina Appaartaayidii galmeesse Peter Magubane dhabde" jedhan jedha gabaasi AFP.