Lammiileen Alaa Itiyoophiyaa Keessa Jiraatan Hanga Baatii Tokkootti Ragaalee Jiraattummaa Seera-qabeeyyii Akka Dhiheeffatan Gaafataman

  • VOA

Aadde Selaamaawit Daawit, Angawaatuu Imigireeshinii Itiyoophiyaa

Lammiileen biyyoota alaa kanneen Itiyoophiyaa keessa jiraatan ragaawwan isaanii seera qabeessa ta’an dhaabbata tajaajila dhimmi godaantootaa fi lammummaatti dhiyyatanii akka mirkaneessisaniif waamicha dhiyyeesse. Daarikteerri dhaabbata dhimmi godaantootaa fi lammummaa Itiyoophiyaa Selaamaawwit Daawwit Ibsa har’a sabaa himaaleef kennaniin Lammiileen biyyoota alaa ragaalee seeraan alaa of harkaa qaban kuma digdama ta’an akka jiran eeraniiru.

Ragaawwan sobaan Itiyoophiyaa keessa jiraachuun yakka ta’uu himanii , lammiileen biyyoota alaa kanneen Itiyoophiyaa keessa jiraatan kana hubatanii yeroo ji’a tokkoo keessatti gara dhaabbata dhimmi godaantootaa fi lammummaa Itiyoophiyaatti qaamaan deemuun akka mirkaneessisaniif waamicha dhiyyeessaniiru. Kanneen guyyaa kaa’ameefii kanatti hin fayyadamnerratti tarkaanfiin akka fudhatamu kan ibsa Daarikteerittiin murtoon kun kanneen kooluu galtummaa gaafatanii fi baqattoota hin ilaallatus jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gebiremikaa’eel Gebiremedhiinitu gaabase.