Wal-dorgommii Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Irratti Kan Mul’ataa Jiru Dimookiraasii Biyyattiif Qormaata Guddaa Tahuu Mala, Jedhme   

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Wal-dorgommii Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Irratti Kan Mul’ataa Jiru Dimookiraasii Biyyattiif Qormaata Guddaa Tahuu Mala, Jedhme

Filannoon Pireezidaantummaa Yuunaayitid Isteetsi Yeroo dhiyoo as dhiibbaa diinagdee, maqaa wal balleessuu , Viidiyoowwan dhoksaan waraabanii fi weerara dhuukkubootaan raafama keessa seeneera. Wal dorgommiin pireezidaantummaa bara kanaas jeequmsoota kanaan dabaalamee egeree dimookiraasii Ameerikaaf qormaata guddaa fida jedhamee tilmaama.

Bara 2000 tti erga manni murtii olaanaa duula filannoo Ji’oorji Waashingitan Buushiin kan gargaaru murteeesseen booda qaamooleen haqaa siyaasa pirezidaantummaa waliin wal simannaa keessa seenaniiru jedhama.

Gama warra Dimokiraatootaan Pirezidaanti Joo Baayiden irra deebbiin filatamuu barbaadu, garuu ammoo umriin isaanii 81 ta’uun ammayyuu filattoota amansiisuu baay’ee amansiisuu hin dandeenye. Sanaaf jecha, hojii hedduu hojjechuu akka danda’an amansiisuu isaan barbaachisa.