Keessummaan keenya har’aa dargaggoo Ifaa Balaay jedhamu. Barreessaa dha. Tibbana fiilmiin inni barreesse kan ilaalcha hawaasni qaama miidhamtootaaf qabutti xiyyeeffatee fi mata-dureen isaa "Sii Seenuun" jedhu qophaa’ee daawwattootaaf dhihaatee jira. Kanaan duras kitaabota 3 barreessuun dubbistoota qaqqabsiisuu isaa dubbata – Ifaan.
"Hojii artii fi ogbarruu Oromoo keessatti waliitumsuu dhabuun akkasumas ilaalchi hawaasni damee kanaaf qabu gadi aanaa tahuun sadarkaa barbaadameen akka hin guddanne taasise, " jedha.