Minsiteerii ittisaa mootummaa Yunaayitid Istees ykn hogganaan Peentaagoon Looyid Osten Amajji 1 barra 2024 kaasee hospitaalaa seenanii jiru. Waa’en Dhukubsachuun isaanii Icitiidhaan qabamuun isaa ijoo dubbii ta’ee jira.
Looyid Osten sababa amma ammaatti addaan bahee hin ibsameen erga mana yaalaa ykn hospitaalaa waraanaa wiirtuu Waalter Riid jedhamu seenanii har’aa guyyaa sagalaffaa irra kan jiru yemuu ta’au, prezidaanttii Yunaayiotid Isteets dabalatee qhaanga’onni mootummaa biyyatti dhukubsachuu isaanii kan baran guyyaa Afur booda akka ta’ee gabaasamaa jiraa.
Haaga’an gameessi ministiraa ittisa biyyaa tokko akka jedhaniitti itti antuun minstiraa ittisa biyyaa Kaateeliin Hiiks hospitaalaa seenuun Looyid Osten bakka boqonaa irra jiranuu Poorteeriikootti kan itti himame guyaa Afur boodaa gaafa Kamisaati. Looyid osten kan hospitaala kan seenan guyyaa Wixataati.
Prezidaantiin yunaayitid Isteets Joo Baayiden hospitaalaa seenuun Looyod Osten karaa gorsaa dhimmaa nageenyaa waayit Hawus Jaak Suliivaanin kan itti himame guyyaa Afur boodaa gaafa kamisaa akka ta’es beekameera.
Yeroo amma hospittalla kan jiran nammii waggaa 70 Looyid Osteen bakka jiranuu irra ibsa kennaniin dhimmi nageenyaa isaanii dhimmaa dhuunfaa isaanii akka ta’e himuudhaan dhiheenyaatti akka gara hojii isaanitti deebi’an beeksisuun isaanii gabaasameera.