Waliigalteen Ulaa Galaanaa Itiayoophiyaa fi Somaaliilaand Mallatteessani fi Mormiin Somaaliyaa Ija Ogeessa Siyaasaatiin Akkamitti Ilaalama?

Your browser doesn’t support HTML5

Waliigalteen Ulaa Galaanaa Itiayoophiyaa fi Somaaliilaand Mallatteessani fi Mormiin Somaaliyaa Ija Ogeessa Siyaasaatiin Akkamitti Ilaalama?

Itiyoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa kan buufata humna waraanaa ishee argachiisu eega Somaaliilaand wajjiin dhiheenya mallatteessitee booda, Prezidaantiin Somaliyaa Hasan Seek Momaammud seera faallaa waliigaltee sanaa tahe kan paarlaamaan biyattii raggaasise mallatteessanii jiran.

Otuma dhimmi waliigaltee ulaa galaanaa Itiyoophiyaa fi Somaaliilaand gidduu wal-falmsiisaa tahee jiruu, Prezidaantichi Somaaliyaa gara Asmaraatti imaluudhaan Prezidaantii biyyattii wajjiin marii taasisan. Ertiraanis abbaabiyyummaa Somaaliyaatiif, tokkummaa bulchiinsa isheef akka beekkannaa kennitu dubbatte. Gama biraatiin, Ministarri Itisaa Somaaliilaand waliigaltee mootummaan isaa Itiyoophiyaa waliin mallatteessite mormuun taayitaa gad-lakkisan.

Dursaan hoogganoota waraanaa Somaaliilaand ammoo, gara Itiyoophiyaatti imaluudhaan aangawoota waraanaa ol’aanoo biyyattii waliin marii geggeessan. Jijjiiramni Somaaliyaa fi Somaaliilaand keessatti uumame kun gama siyaasaa fi dinagdeen akkamitti ilaalama? Biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti dhiibbaa fidu qabaa? …. Kana irratti ogeessa siyaasaa tokko dubbisnee jirra.