Helikooptarri Dhaaba Mootummoota Gamtoomanii Naannoo Al Shabaab Socho’u Keessa Quabate

  • VOA

Beledweyne, Somalia

Kan biyya Somaaliyaa keessa balali’aa ture heliokooptarri dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii har’a bakka gareen Al-Shabaab keessa socho’u keessa qubachuu isaa aangawoonni Mootummaa Somaaliyaa beeksisanii jiru.

Helikooptara magaala Beledwayin isa kutaa Hiirshabalee irraa ka’ee gara bakka kutaa Galmuduug keessatti argamu kan Wisil jedahmutti balali’aa ture kana keessaa namoonni hedduun akka jiran kan himan aanga’onni Somaaliyaa, namoonni hundinuu too’annaa Al Shabaab jala ooluu isaanii eeranii jiran.

Akka aangawaan mootummaa Somaaliyaa kan magaala Adaadoo himanitti xayyaarichi hojjatoota gargaarsaa fe’ee imalaa ture waan rakkina qabuuf qilleenssa irratti dhohuu mannaa hatattamaan akka qubatu balaliisaan murteessee qubachiise. Aangawoonni Somaliyaa jiraattotaa waabefachuudhaan akka himanitti gareen Al Shabaab xiyyaaricha ibiddaan gubee namoota keessa turan ammoo fudhatee deeme jedhame.