Humni Galaanaa Itiyoophiyaa Buufata Isaa Somaaliilaand Keessatti Hundeeffamuuf Karoorfameef Qophii Tahuu Isaa Beeksise  

  • VOA

Angawoota humna galaanaa Itiyoophiyaa

Itti gaafatamtoonni humna galaanaa kan Itiyoophiyaa haala yeroo ammaa irra jiruu fi hojii gaggeessaa jiru kan ilaaleen, Miseensonni Koree Dhaabbtaa Hariiroo Alaa fi Dhimma Nageenyaa paarlaamaaf gabaasa dhiyeessanii jiru.

Itti aanaan ajajaa, humna galaana Itiyoophiyaa Rear Admiral Naasir Abba Diggaa, waliigaltee Somaaliland waliin taasifamee akeeka waajirri isaanii qabu waliin kan wal simatuu ta’u ibsan.

Humnii galaanaa kun dirqama itti kennamee fixaan baasuuf sadarkaa danda’uu irra ga’eera jedhan.

Koree dhaabbataaf itti aantuu walitti qabduu kan ta’an Dr. Fatihii Mahdii dhaabatichi somaaliilaand keessatti hundeessee ergama isaa fixaan baasuuf qophii ga’aa gochuu isaa dubbatan.

Sadaasa 14 bara 2023 mummici ministeeraa Abiyyi Ahmad, gargaarsa Faransaayiin humna galaanaa biyyatti deebisanii jajjabeessuuf karoora qabaachuu isaanii beeksisan.

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi somaaliilaand giddutti tolfamee falmii kaasisuun isaa ni yaadata jechuun keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.