Chaayinaan Abbaan Biyyummaa Somaaliyaa Kabajamuu Qaba, Jechuun Waliigaltee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa fi Somaaliilaand Mallatteessan Mormite

  • VOA

Imbaasiin Chaayinaa Somaaliyaa keessa jiru fuula midiyaa hawwaasaa “ X” isa kanaan dura maqaa Tiwuuteriin beekamu irratti dubbii himaa ministira haajaa alaa Chaayinaa Ma’aa Niing wabeeffachuun maxxanseen Somaalii land qaama Somaaliyaa ti jedhee Chaayinaan mootummaa federaalaa Somaaliyaa cinaa dhaabbachuun tokkuummaa fi abbaa biyyummaa Somaaliyaaf beekamtii keenit. Biyyoonni naannoos dubbii isaanii karaa marii dippiloomaasiin hiikkatu jennee abdannas jedheera.

Walii galtee wal hubannaa Somaalii land fi Itiyoophiyaa gidduutti gaafa Amajjii 1 bara 2024 mallatta’e mormuun biyyyoonni fi dhaabbileen kanneen akka Yuunaayitid Isteetsi, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afiriikaa , Liigiin biyyoota Arabaa, Masiirii fi Tarkiin abbaa biyyuumaa Somaaliyaa akka kabajanii fi beekamtii kennaniif ibsataniiru.

Gurmuun daldalaa biyyoota baha Afiriikaa “IGAD” ibsa Kamisa kaleessaa baaseenimmoo gaafa Amajjii 18 bara 2024 Yuugaandaa keessatti dhimmi Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti amma uumamee jiru akkasumas haala wal waraansa Sudaan keessaa ilaalchisuun yaa’ii ta’uuf beellama qabateera.

Gama biraatiinimmoo Kamisa kaleessaa magaalaa guddittii Somaaliyaa Moqaadishoo keesatti namoonni hedduun gara daandiitti ba’uun mormii walii galtee wal hubannaa Somaalii land Itiyoophiyaa waliin mallatteessite mormaa turaniiru jedha gabaasni Ajaansi Firaansi pirees.

Somaalii landi Somaaliyaarraa adda ba’uu ishee kan labsatte bara 1991 tti yommuu ta’u baay’ina uummataa miiliyoona 4.5 kan qabdu horii mataa ishee maxxansiifti, paas poortii mataa ishees qabdu gama nageenyaan Somaaliyaa ishee Moqaadishoo caalaa tasgabbii qabdi.