Koomishinni Marii Guutuu Biyyaa Itiyoophiyaa Qabsoo Hidhannoo Ka Geggeessan Dabalee Marii Biyyaalessaatti Hirmaachisuuf Qophii Dha Jedhe

  • VOA

Komiishina marii biyyaalessa Itiyoophiyaa

Gareelee qabsoo hidhannoo biyyatti gaggeessaa jiran ituu hin hafiin, marii gaggeeffamuutti dabaluuf, haala nageenyii kanneen duula waraanaa gaggeessan eegamee keessatti, dubbachuuf qophii ta’u isaa, kanaafis mootummaanis ta’e paarlaamaan biyyatti kan gaafatu ta’u, Komiishinni Marii guutuu biyyaa kan Itiyoophiyaa, beeksisee jira.

Komiishiinara komishinii kanaa kan ta’an Masfiin Araayaa kanneen hidhatanii loola waraana gaggeessaa jiraniif waamicha dhiyeessuu iyyu, garee hidhattoota kamiin iyyuu waliin kallattiin wal arguun akka hin mari’atiin ibsan.

Sababaa rakkooo nageenyaan kan ka’e, Komishiniichi dhaqqabuu kan hin dandeenye godinaalee Oromiyaa 7 keessaa qaamoota dhufan waliin magaalaa shaashamannee keessatti , kanneen marii gaggeeffamu irratti hirmaatan hojiin adda baasuuf mariin dandeesisuu fi leenjii kennuun jalqabamuu isaa beeksiisan.

Oromiyaa dabalatee Komiishinichi bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Tigraay irraa kan hafee, iddoo hundatti hirmaatoota marii gaggeeffamuutti hirmaatan hojii adda baasuu gaggeeffamuus ibsanii jira.

Komishiniin kun, waltajjii shaashamanneen irratti kanneen hirmaatan, dhiibbaa komiishinichii keessa dabree dinqisiifachuun, bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti walitti bu’iinsii jiran, waliigaltee dhukaasa dhaabinsaan akkata’u duraan gaafatanii turan jechuun Yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.