Abbaan Taayitaa Daandii Balalii Somaaliyaa Xayyaara Itiyoophiyaa Gara Hargeessaatti Imalaa Ture Deebisuu Isaa Beeksise

  • VOA

Hargeessaa

Roobii har’aa jechuun Amajjii 17,bara 202 abbaan taayitaa daandii balalii Somaaliyaa xayyaarri daandii balalii Itiyoophiyaa Dash 8-Q400 jedhamu kan lakkoobsi balalii isaa ET 8372 ta’e fi gama Hargeessaatti balal’iaa ture akka hin qubanne dhorkee jira. Xayyaarattiin sababaa eeyamma barbaachisaan hin jiraanneef jecha qilleensa Somaaliyaa utuu hin seeninn dura of irra deebifamte.

Akka seera aviyeeshinii sadarkaa addunyaa fi dambii Somaaleetti, balaliin tokko gara biyya itti balal’u dhaqqabuudura eeyama barbaachisu argachuun isaa qulqullaa’uu qaba jedha ibsi Abbaa taayitaa daandii balalii Somaaliyaatiin ba’e kun.

Ibsi kun akka jedhutti akka abbaan taayitaa aviyeeshinii somaaliyaatti xayyaarri eeyama hin qabaanne kami iyyuu naannoo samii Somaaliyaa akka hin seenne cimsee dhorkaa dha. Balaliin idilee garuu utuu adda hin itin balali’uu danda’u jedha ibsi ba’e kun.