Dawaa Finciltoonni Hamaas To’atan Kan Iggitamtootaaf Ergame Roobii Har’aa Dhaqqabuuf Jira

  • VOA

Dawaan Namoota Hamaasiin Iggitamanii Jiranii fi Faalisxiinota Sivilii Dhaqqabuuf Jira

Dawaan iggitamtootaaf dhaqqabuu male kan finciltoota Hamaasiin qabamee jiru, akka walii galtee Ferensaayii fi Qaataar Jaarsummaan jidduu seenanitti Roobii har’aa raabsama jedhamee eegama.

Faransaay akka jettetti, qorichi kun namoota 45 booji’amanii fi dhukkuba yeroo dheeraa qabaniif kennamuun kan irra ture yoo ta’u, dawaaleen kana erguun gargaarsa Fannoo Diimaa Sadarkaa addunyaatiin kan raawwatamu ta’uu ibsiteetti.

Qataar akka jettetti, waliigaltichi lammiilee nagaa Falasxiin Gaazaa keessa jiraataniif gargaarsa qorichaafi gargaarsa namoomaa biroos of keessaa qaba.

Hidhattoonni Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwatameen namoota gara 240 ukkaamsanii butataniiru, yeroo sanatti namoota gara 1,200 ta’anis ajjeesuu isaanii lakkoofsi Israa’el beeksiste ni mul’isa. Israa'el haleellaa sana booda Hamasiin dhabamsiisuuf duula waraanaa eegalte.

Ji’a Sadaasaa keessa yeroodhaaf waraana dhaabuun namoonni booji’aman 100 ol kan gadhiifaman yoo ta’u, kanneen 130 ta’an garuu ammallee Gaazaa keessatti Hamaasiin qabamanii jiru jedhamee amanama.

Yunaayitid Isteetis Kibxata kaleessaa mariin jiddu seeniinsa Qaataariin geggeessame walii galtee haaraan, iggitamtoonni akka gad dhiisaman ka taasisuu fi bakka isaa lola dhaabinsi Israa’elii fi Hamaasi gidduutti akka tolfamu akka taasisu abdii qabaacuu ishee ibsiteetti.

Dubbi himaan gumii nageenya biyyoolessaa Joon Kerbii White House keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin, “mul’inatte waa’ee marii kanaa waa hedduu jechuu hin fedhu garuu, dhiyeenyatti ija godhata jennee abdanna” jedhan.

Wal waraansi Roobii har’aa itti fufee kan jiru yoo ta’u, waraanni Israa’el akka jedhetti angawaa waraanaa Hamaas tokko dabalatee loltoota Faalisxiinotaa ja’a ajjeesuu beeksise. Angawoonni eegumsa fayyaa Gazaa akka jedhanitti, guyyoota darban keessa humnoonni Israa’el qabiyyee Faalisxiin keessaa namoota 163 akka ajjeesanii fi kunis loltoota Hamaasii fi siivilota dabalatee lakkoobsa isaa 24,448n ga’ee jira jedhan.