Waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaand Ilaalchisee Masrii fi Ligiin Arabaa "Madda Tasgabbii-Dhabinsaa Ti" ka Jedhan Itiyoophiyaan Qeeqxe

  • VOA

FAAYILII:Ministrii haajaa alaa Masrii Sameeh Shukurii

Itiyoophiyaan ministriin haajaa alaa Masrii Saameeh Shukirii yaada isaan kennaniif Itiyoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti dhiyeenya kan mallatteessame walii galtee ulaa galaanaa ilaalchisuu dhaan ejjennoo Liigii Arabaa “Itiyoophiyaa madda sabatiinsa dhabuu” jedhe qeeqxee jirti.

Dubbi himaan ministrii haajaa alaa Ambaasaadder Melles Alem har’a tuuta oduuf ibsa kanneniin, ibsi Saameeh shukirii dhimma isaa gara haala hamaatti ceesisuu irratti kan fuuleffatee dha jedhan.

Prezidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Mehaammediin dabalatee hoogganoonni biyyoota miseenosota IGAD hangi tokko, muddama Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru akkasumas waraana Sudaan keessa jiru ilaalchisee mari’achuuf Ugaandaa seenanii jiru. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ambaasaadder Melles Alem garuu, angawoonni Itiyoophiyaa bakka birootti dhimma ariifachiisaa waan qabaniif beellama marii sana irratti argamuu hin danda’an jechuu dhaan Keenedii Abaatee gabaaseera.