Qaamni Komee dhaggeeffatu Itiyoophiyaa kan Ombudsman jedhamu waajjiraaleen ministeerotaa irra hedduun Labsii odeeffannoo dhaqqabsiisuu hin kabajan jedhee jira. Dhaabbatichi har’a Finfinnee keessatti ibsa gaazixeessotaaf kenneen, baatilee kudaniif gamaaggama raawwatiinsa hojii geggeessuu isaa ibsee, miidiyaalee hedduu dabalatee qaamolii odeeffannoon isaan barbaachisuun kan ittiin hin geenye ta’uu mirkaneessuu isaa beeksisee jira. Qaama komee dhaggeeffatu kanatti itti gaafatamaan hordoffii bulchiinsa gaarii obbo Adaanee Belaay, gamaaggama gabaasichaa sabaa himaaf dhiyeessanii, ennaa gamaaggama sanaas rakkooleen adda addaa mul’ataniiru jedhan jechuu dhaan G/Mikaa’el G/Medin gabaaseera.