Dhaabbatoonni Waa’ee Walitti-bu’insaa Awurooppaa fi Giddu-Galeessa Bahaa-tti Fuuleffchuun Rakkina Namoomaa Afrikaa Keessaa Aguuge, Jedhame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbatoonni Waa’ee Walitti-bu’insaa Awurooppaa fi Giddu-Galeessa Bahaa-tti Fuuleffchuun Rakkina Namoomaa Afrikaa Keessaa Aguuge, Jedhame

Yeroo oduuwwan Aduunyaa walti bu’insaa Awuroopaa fi Giddu-galeessaairratti xiyyeefatanii jiran kanatti rakkina namoomaa biyoottan Afrikaa keessa jiran irratti gabaasaaleen dhihaachaa akka hin jirre gabaasaan tibbana bahe tokko beeksisee jira.

Gabaasaan dhaabbata “Kare Internaashinaal” haalla namoomaa biyoottan Afrikaa 10 irratti xiyyeeffate kun gabaasaalee miidiyaa Afaanota Arabaa, Ingilizii, Faransaay, Jarmanii fi Ispaanishiin dhihaatan ilaalchisee ibsa kana baase.