Hoggantoonni biyyoottan miseensa gurmuu sochii galaacha ykn “Non – Aligned Movement” fi haanga’onni gameessi gurmichaa lola israa’el Gaazaa keessatti taasisaa jirtu balaaleffatanii akka attattamaan dhukaasa dhaabuun labsamuu gaafatanii jiru.
Miseensonni gurmuu kana walgahii biyyaa Ugaandaa magaala Kaampalaa keessatti taasifdame irratit ergaa hirmaatanii booda, kan ibsa kennaan itti aanaa prezidaantiin biyya Kuubaa Vaaldees Meesaa, erga walwaraansii Israa’elii fi Hamaas Onkololeessa 7 jalqabamee as dhumiinsii seenaa keeessatti galmaa’ee hin beekne akka raawwatame ibsuun isaanii gabaasameera.
Prezidaantiin Afrikaa kibbaa Siiriil Raamafoozaa gama isaaniitiin walgahii gumii kana irratti haasaa taasisaniin , lola Isreaa’elii fi Hamaas keessatti manni maree nageenyaa kan mootummoota gamtoomanii akka gahee isaa hin bane dubbatanii, "Sirna bulchiinsa addunyaa haqa qabeessaa fi fedhii namoota hundaaf deebii kennuu danda'u diriirsuu qabna," jedhaniiru.
Israa’eel lolli isheen taasisaa jirtu lola waraana of irraa ittisuu akka ta’e beeksisuudhaan himaanna yakka waraanaa irratti dhihaachaa jiru mormuun ishee ni beekama.
Gurmuun kun kan dhaabbatee bara 1961 yemmuu muddamni biyyoottan lixaa fi garee biyoottan bahaa jabaachaa turee ykn isa lola qabbanaa’aa jedhamee beekamu yemmuu ta’u, biyyootta Afrikaa akka jiranutti miseensa gurmuu kana ta’uudhaan garee umnoottan waraanaa NATO fi Waarsoo irraa of qusatanii akka turan ni beekama.
Biyyoottan Afrikaati alattis, Indiyaan, Indooneejiyaan, Sa’ud Arabiyaan, Iraan, Chiiliin, Peeruu fi Kolombiyaan gurmuu kana keessatti kannee argamanuudha.