Barattoonni Naannoo Somaalee Kanneen Sababaa Balaa Lolaan Mana Barnootaa Adda Kutan Deebi’uu Hin Dandeenye

  • VOA

Barattoonni Naannoo Somaalee Kanneen Sababaa Balaa Lolaan Mana Barnootaa Adda Kutan Deebi’uu Hin Dandeenye

Naannoo Somaalee keessaa baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa keessa balaa lolaa mudateen kan ka’e godinaalee ja’a keessa kanneen jiran barattoonni kuma 96 barnoota irraa citanii jiraachuu waajjirri barnootaa naannoo sanaa beeksisee jira.

Itti aanaa itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Guleed Ahimed VOAf akka ibsanitti sababaa lolaa bishaaniin kanneen hanga ammaatti manneen barnootaa cufamanii jiran keessaa irra hedduun naannoo laggeenitti argamu.

Jarmayaan gargaarsa daa’immanii UNICEF dhiyeenya naannoo Somaalee ilaalchisuun gabaasa baaseen, ragaa waajjirri barnootaa dhiyeesse kan cimstu ture. Akka qorannaa UNICEFtti godinaalee afur keessaa sababaa bishaan guutee danbali’een kan ka’e manneen barnootaa miidhaan irra ga’e 227. Kanneen keessaas 139 hanga ammaa cufamanii kan jiran yo ta’u, 88 immoo hanga tokko miidhaan irra ga’uu qorannaan kun beeksisee jira. Akkuma kanaan barattoonni 67030 barnoota irraa citanii jiraachuu qorannaan kun ni mul’isa.

Waajjirri barnoota naannichaa garuu miidhaan lolaa bishaanii godinaalee afur utuu hin taane godinaalee ja’a keessatti mudachuu isaa ibsee jira.

Obbo Guleed akka jedhanitti manneen barnootaa irra hedduun semistera lammataa irratti banamanii hojii akka itti fufan tattaaffiin taasisamaa jira jedhan. Haa ta’u malee kanneen miidhaan irra ga’e manneen barnootaa 20 hojii jalqabsiisuuf yeroo kan gaafatu ta’uu itti aanaa itti gaafatamaan waajjira barnootichaa ibsaniiru jechuu dhaan Addis Chekol gabaaseera.