Yeroo dhiyoo as Naayijeeriyaa gidduu galeessaa haleellaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota irratti raawwatamaa dhufeen bakka addaa “Middle Belt” jedhamuun beekamtutti bakka namoonni gosaa fi amantii garaagaraa keessa jiranitti walitti bu’insa uumamaa dhufeen lubbuun namootaa ba’uudhaaf sababa ta’eera.Haleellaa amma gaafa Kibxataa fi Roobii walitti aansuun raawwate erga gaafa guyyaa kabaja Ayyaana Kiriismasii raawwatee lubbuu namoota 14o galaafatetti aanee isa lubbuu namoota baay’ee galaafate jedhameera.
Hooggannaan waldaa misooma hawwaasaa Miwaaghaavuul , Yooseef Giwaankaat akka himanitti kanneen halleellaa kana raawwatan namoota nagaa gandoota baadiyaa Kiwaahaslaleek, Kinaat fi Mayiraanaa irratti kan qiyyaafatan jedhanii , Namoonni midhaan isaanirra dhaqqabe kunis kanaan dura jeequmsa magaalaa Maanguu keessatti uumamee ture baqatanii kanneen hoogganaa hawwaasaa tokkotti kooluu galanii turanidhas jedheera Yooseef bilbilaan Riyooteersitti akka himetti.
Namoonni balaa kanarraa hafaniiran akka himanitti namoonni meeshaa waraanaa hidhataniiran dubartootaa fi daa’immanittillee dhukaasaa turan jedhanii mana jireenyaattis marsuun Ibidda itti qabsiisaa turanis jedhaniiru.
Dubbii himaan humna waraanaa Naayijeeriyaa Tukuur Gusaawu ibsa kennaniin Komii humni waraanaa Naayijeeriyaa gareen hidhattootaa miidhaa akka hin dhaqqabsiifneef eegumsa hin taasifne jedhamuun komiin irratti dhiyaateef , humni waraanaa garee kamiifuu madaalawaadha jedhanii humni waraanaa garuu bobbii fi sakatan’insa ogummaa gidduu galeessa godhateen deebii kenneera. Namoonni yakka kana keessatti hirmaatanis to’annaa jala oolaniirus jedhaniiru.