Biyoonni Arjoomtoota ol aanoo jedhaman Sagal Yuunaayitid Isteetsii fi Jarman dabalatee Gaazaa keessatti hojjettoota 13,000 kan qabu dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Ejeensii dhimma hojjettootaa fi gargaarsaa kan ta’e irraa deeggarsa maallaqaa dhaabuu isaanii beeksisaniiru. Kunis Hojjettoonni Ejeensichaa Kurnootaa ol halleellaa gaafa Onkoloolessaa 7 Israa’eel irratti fudhatame keessaa harka qabu jedhamuunidha. Halleellaa gaafa Onkololeessa 7 garee Hamaasiin fudhatameen namoonni 1,200 ajjeefamuun kanneen 253 ta’animmoo garee kanaan butamuu Angawoonni Israa’eel ifoomsanii ture.
Hoogganaa olaanaan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez dilbata kaleessaa fulbaana 28 ibsa kennaniin biyyoonni maallaqa gargaarsaa Ejeensii gargaarsaa fi dhimma hojii kana dhaabbata mootummoota gamtoomanii Paaleestin keessaarraa addaan kutan yoo xiqqaate hojiin dhaabbatichaa itti fufuu akka danda’uuf wabii akka nuuf ta’aniif cimsinee iyyanna jedhaniiru. Itti dabaluunis hojjetaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan gochaa shororkeessummaa keessatti hirmaateeru akka itti gaafatamus dhaaddataniiru. Hojjettoonni 12 dhimmicha keessaa harka qabaachuu kan ibsan Guutereezh kanneen sagal ta’animmoo hojii akka dhaaban taasifaniiru. Himannaa Israa’eel dhiyyeessite hordofees qorannaan taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.
Mnisitirri fayyaa Gaazaa kan garee Hamaasiin hoogganamu waraana Isra’eel Hamaas irratti taasisaa jirtuun hanga ammaatti namoonni kuma 26 ol ajjeefamuu kan ibse yommuu ta’u Uummanni Gaazaa miiliyoona 2.3 irra caalaan isaa Ejeensii gargaarsaa fi dhimmi hojii kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan amma gargaarsi biyyoota arjoomtoota irraa dhaabbaterratti hirkatus jedhameera.