Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Antonii Biliinken hoogganaa kaanbiinee fi hoogganaa olaanaa dhimmoota alaa fi Diyaaspooraa Keeniyaa kan ta’an Musaaliyaa Mudavaadii waliin dhimmoota hariiroo Yuunaayitid Isteetisii fi Keeniyaa akkasumas haala nageenya Afirikaa bahaarratti tumsa waloo ilaalchisuun dubbataniiru. Antonii Biliinken nageenyi akka bu’uuf ga’ee Keeniyaan ba’achaa jirtu dinqisiifatanii Keeniyaan ergama deggarsa nagaa gara Heeyitiitti taasiftu Ameerikaan tumsa waadaa seenteef Keeniyaaf akka taasiftu irra deebbiin mirkaneessaniiru. Antonii Biliinkan hariiroo cimaan gama hawwaasummaa fi diinagdee Ameerikaa fi Keeniyaa gidduu akka jiru mirkaneessanii, duudhaawwan nuti waliin qabnu addunyaadhaaf tumsa dabalataa fi ka bu’uraa ti jedhaniiru.