Komiishiina hoggansa sodaa balaa Itiyoophiyaa fi Tokkummaam Mootummootaa kaleessa ibsa walii wajjiin baasaniin, baatilee dhufaa jiran keessatti kutaalee biyyatti adda addaa keessatti caama mudateen kan ka’e, lammiwwan haanqiina nyaataaf saaxilaman akka jiran ibsanii jiru.
Hanqiinni nyaataa kun haala hamaan kan keessatti mul’ate, bulchiinsa naannoolee Amaaraa, Tigraayii fi Afaar keessa bakka murtaa’eetti ta’u kan beeksisee ibsii ba’e kun, baatii Adooleessa dhufu Itiyoophiyaa keessatti namoonni haanqinni nayaataa hamaan isaan mudachuuf jiru lakkoofsaan Miliyoona 10.8 akka ga’u hubachiisan.
Kana waliin wal qabatee kan dhufu rakkoo gargaarsa namoomaa ammaa kaasee ittisuuf, deggersii hatattama akka taasifamuuf waamicha dhiyeessanii jiru.
Ibsa ba’e kana ilaalchisee sagaleen Amerikaa kan haasoofsisee, dubbii himaa sadarkaa olaanaan komiishiina hoggansa ittisa balaa Itiyoophiyaa Obbo Attaalala Abuhaay akka jedhanti yeroo ammaa namoonni Miliyoona 6.5 niif gargaarsii kennamaa jira.
Waa’eeuma kanaa sagalee Amerikaaf ibsa kan kennee waajirri OCHA kan Itiyoophiyaa keessaa, Itiyoophiyaa keessatti dabalaa kan dhufe fedhiin gargaarsa argachuuf jiruuf deebii kennuuf, deggersa doolaara Biliyoona 3 walitti qabuuf yaaliin taasifamaa jira jechuu isaa Gabra Mikaa’el Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.