Dhaabnii gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa mootummootaa(OCHA) gabaasa kaleessa baaseen Keessumaa Bulchiinsa naannoolee Amaaraa , Oromiyaa fi Gaambeellaa keessatti rakkoo dhabamuu nageenyaan kan ka’e
Hojjattonni gargaarsaa lama bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti tokko Gaambeellaatti fi kaan immoo Tigraay keessatti kan ajjeefaman ta’u ibseera. Naannoo biyyatti adda addaatti walitti bu’iinsii haala itti fufee jiru keessatti,
Nageenya Hojjatoota gargaarsa namoomaa balaa keessa buusuu isaa OCHAn ibsee jira.Baatii Amajjii keessa ajjeechaan rawwatame kun, hojjatoonni gargaarsaa haala rakkisaa akkamii keessatti hojjataa akka jiran kan agarsiisuu ta’eera.
Komiishiina mirga namoomaa Itiyoophiyaa itti aantuu kan ta’an aaddee Raakeeb Masala humnootiin bulchiinsa naannoo adda addaa keessatti waraanaa jiran, namoota nagaa ykn sivilootaa fi hojjattoota gargaarsaaf of-eeggannoo gochuu akka qaba hubachisaniiru.
Bara 2019 kaasee Itiyoophiyaa keessatti hojjattonni gargaarsaa 46 ajjeefamuu kan ibse OCHAn, kanneen keessaa 36 kan ajjeefaman yeroo wal waraansa Itiyoophiyaa kaabaa sana ta’u ibseera jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jira.