Ministirri Haqaa Dr.Geediyoon Ximootiwoos har’a miseensota paarlaamaa akka har’a ibsanti mootummaan bu’aa hanga ammaatti argame cimsee haala nageenyaa naannoo Amaaraa fi sanaa al jiru to’achuuf labsiin yeroo muddamaa kun hojii irra oluun barbaachisa.
Murtoon kun sagalee deggersaa caalmaan kan argatee yoo ta’u, sagalee mormii lamaa fi kan sagalee hin laanne 3 turan.Walgahii har'aa kana irratti miidiyaalee mootummaa qofatu akka hirmaataniif hayyamameef.
Komishinarri olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Daani'eel Baqqalaa akka jedhanitti, walitti bu’iinsa kana keessatti miidhaa dhaqqaban dabalatee waa’een miidhaa mirga dhala namaa, rakkoo gargaarsa namoomaa fi namoonni dhaddachatti ituu hin dhiyaatiin yeroo dheeraaf hidhamuu dabalatee barrii aangoo labsii yeroo hatattamaa dheeressuu kun dhiibbaan inni fiduu kan akkaan isaan yaaddessu ta’u ibsan.
Itti aantuunn komishinara olaanaa kan Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Addee Raakeb Massala sagalee Amerikaaf akka himanitti, miseensonni paarlaamaa barbaachisummaa, seera qabeessummaa fi madaalummaa labsii kanaa sirnaan ilaaluu qabu turan.Walitti bu’iinsa biyyattii keessatti deemaa jiru furuuf mariin furtuudha jedhan.
Jiraattonni Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, uggura sochii, cufamuu interneetii fi uggurri biroo labsii yeroo muddamsaa hordoofee dhufe, sochii dinagdee naannoo adda addaa irratti dhiibbaa uumeera.
Bulchiinsa Naannoo Amaaraa keessatti Hagayya 3, bara 2023 irraa eegalee tajaajila intarneetii mobaayilaa dabalatee argachuun addaan citee jira.