Waliigaltee Nagaa Priitooriyaa keessatti tolfamee sana booda, bulchiinsa naannoo Tigraayiif deggersa Qarshii Biliyoona 37 gochuu isaa fi bajajata ramaduu isaa, mootummaan Feedeeraalaa Ibsee jira.
Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) gama isaan waliigalteen tolfamee guutuummaatti hojii irra akka hin olleef, mootummaa Feedeeraalaa fi rakkoon paartii ofii keessa jiru danqaa ta’u ibsee jira.
Koreen gidduu galeessaa kan Hiwaat guyyoota dheeraaf walgahiin gaggeessaa ture xumuramuu ilaalchisee torban dabree ibsa baaseen, walii galtee dhukaasa dhaabuu waaraa kan pritoriyaa keessatti tolfame akkaataa hojii irra olfama isaa kan gamaagamuu ibsee jira.
Akka kanaaniis, waliigaltee tolfamee sana, mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota walii galtee sana hin fudhaNNE ittiin jedhee fi maqaa hin dhahiin hafeen, danqamaa akka jiru kana malees sababaa rakkoo fi dadhabbii ABUT keessa jiru hojii irra oolfama isaa irratti danqaa ta’a jira jedheera.
Kanaafis jecha, kanneen manaa fi qe’e ofii irraa buqa’an akka hin deebi’in jiran, laftii Tigraay guutuummaan deebifamaa akka hin jirree akkasumas mariin siyaasaa akka hin jalqabamne taasisee jedha ABUT.
Tajaajiilli kominikeeshinii mootummaa feedeeraalaa ibsa baaseen, walii galteen pritoriyaa akka kabajamuuf Hiwaat gaafachuu isaa, mootummaan ilaalcha guddaa itti kennee jira jedheera.waliigaltee sana booda mootummaaan ijaarsa tajaajiila barnootaa, fayyaa, qonnaa, Yunivarsitiiwwanii fi dameelee biroof kan ooluu Qarshii Biliyoona 37 deeggersa gochu isaa fi bajata ramaduu ibsee jira.
Deggeersa kennamee fi bajata ramadamee kana irraa, jijjiiramnii qabatamaan akka dhufuuf ni eegama jecuun ibsii kun hubachisee jira.
Tajaajilli bu’uraa kan addaan cite turees deebi’anii akka hojii jalqaban gochuu ibsee, qooda mootummaa dhiisuun, uummanni dafee tajaajiila akka argactuu gochuuf Tigraay keessatti bulchiinsii yeroo kan HIwaat fi hogganni hidhattootaa of keessaa qabu hundeesse jedheera.Kanneen jireenya isaanii irraa buqqa’an deebisuuf sochiin jalqabamuu, buqqaatonni haqa qabu ittiin jedhees iddoo tokko tokkootti deebi’uu ibseera.
Naannoon wal falmisiisaadha jedhaman, akka heera biyyattitti, murtoo uummtaan furuuf, bulchiinsa naannoolee Amaaraa fi Tigraay waliin walii galtee irra ga’ameer jedhan ibsii mootummaan baase.
Looltonni duraanii akka hojii isaanti deebi’an gochuuf, komishiinni haaromsaa kan guutuu biyyaa hundeeffamuu waajirri tajaajiila komunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa ibseera.
Bulhiinsii yeroo kan Tigraay galgala kana ibsa baaseen, ibsa waajirri komuunikeeshinii Itiyoophiyaa baasee kun, bu’aa isaa caalaa miidhaa isaatu caalaa jedhee jira.
Lafa falmisiisoo ta’an murtii uummataaf furuuf bulchiinsii naannoo Tigraayii fi kan Amaaraa waliin waliigaltee irra ga’ameera kan jedhu gonkumaa dogoggoora ta’u fi akka walii galtee pretoriyaa sanatti, heera biyyattiin kan furmaata argatuu dha jedha.
Baqattonni haqa qabeessa ittiin jedhe qe’e ofitti deebi’aniiru kan jedhamees ta’u kan hin qabnee fi amma iyyu buqqaatonni miliyoonaan lakka’ama jakka jiran ibsuu isaa, Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.