Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken Hoogganoota Biyyoota Arabaa Waliin Mari’atan

  • VOA

Faayilii: Ministeerri dantaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Muumicha Ministeeraa fi Ministeera haajaa alaa Qataar Sheek Mohaammed bin Abdlrhamaan Al Taahanii waliin Sohaa Keessatti Wal argan Guraandhala 6, 2024

Erga lolli Israa’eli fi Hamaas jalqabamee as yeroo Shanaaffaadhaf gara giddugala bahaatti kan imalan Antoonii Bliiken qibxata har’aa magaala Kaayiroo keessatti prezidaantii masr Abdul Fattah Al Siisi wajjin maryatani jiru.

Garaa magaala Dohaatti ce’uudhaaniis hogganaa mootummaa Kaataar Sheek Tamiim bin Hamaad Al Tahaanii, akkasumas minsteera muummee mootummaa biyyatii Mohaamed bin Abdurahiim Al Tahanii wajjin wal arganii jiru.

Ijoon imala fi marii isaaniis lola israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifamaa jiru yeroo gabaabadhaaf dhabsisuuudhaan civiilota lammiile paalastayiniif gargaarsa namoomaa dhiheesuun akkata danda’amu irratti akka ta’e beekameera.

Biliiken, waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasiifamee, erga lolichii dhaabbatee boodaa akkataa waltidhufeenyaa Israa’eliif Paalastaayin gidduutti jiraachuu qabuu irratti dubbachuudhaan naannoo sana keessatti waliti bu’insaa babalachuu danda’u dhaabsisuu irratti akka abdii qaban ibsameera.

Daawwaannan Bliinken kun kan taasifamee yemmuu waraanni israa’el gara daangaa Masr, bakka lammileen Palastaayin lola baqatan heduminaan argaman Raafaatti dhiibbaa taasissaa jiru fi dhiibbaa Kanaan kan ka’es lolichii gara daangaa isheetti ce’u danda’a jechuudhaan masr yaaddoo keessa galtee jirtutti akka ta’e beekameera.

Waraanii Israa’eel garaa daangaa isheetti dhiibaa jiraachuun isaa walgaltee waggoottan kurnan Afur dura biyoottan lamma giduutti taasifame rakkinaa keessa galchuu danda’a jechuudhaan mootummaan Masr akeekkachiisaa jira.

Akka dhaabbanii mootumoota gamtoomanii ibsetti, bakki naannoo daangaa Israa’elii fi Masr irratii aygamuu Raafaan jiraattotaa Gaazaa walakkaadhaa ol keesumeesaa jira. kunis isaa walawaansaa dura ture irraa dacha shaniin kan dabaleedha.

Biliinken imala isaanii ammaa keessatti wixata kaleessaa Sa’udi Arabiyaa kan daawwatan yemmuu ta’au, mootii biyyatti Mohaamad biin Salmaan wajjin Riyaad keessatti wal arganii rakkina gaazaa keessa jiruuf fala barbaduudhaan akkataa naannoo sana keessatti nageenyii bu’uu irratti tummsaa naannoo umuu ilaalchisee akka dubbatan minisiterrii dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Isteets ibsee jira.

Biliiken gama Israa’elii fi gama bulchiinsa Palastaayin Weestbaankitis ce’uudhaan akka marii taasisan gabaasameera.