Iluu Abbaa Boor Bakkawwan  Uumamaan Qalbii Daawwattootaa Hawatan Hedduu Qabaataniyyuu Xiyyeeffannaa Hin Arganne, Jedhu Jiraattonni

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaan Iluu Abbaa Boor, bakkawwan daawwattoota hawatan hedduu otuu qabduu hanqina ijaarsa bu’uraalee misoomaa irraa kan ka’e haga ammaatti faayidaan irraa argamaa jiru akka hin jirre dubbatu, jiraattonni. Kanneen keessaa Fincaa’aan Laga Soor guutummaa Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa lammataarra jira jedhamu fi Bosona yaayyoo kan sulula naannoo laga Gabbaarra jiru rakkoo daandii fi dhabamuu bakka boqonnaa daawwattootaa haga ammaatti tajaajila tuuriizimii akka kennaa jirre kan dubbatan jiraattonni, mootummaan rakkoo kanaaf furmaata akka barbaadu gaafataa jiru. Obbo Wandimmuu Dabalaa Amantee hoogganaan waajjira Aadaa fi Tuurizimii Iluu Abbaa Boor dhimma gaaffii kanaaf deebii kennan qaban. Galmoo Daawwit Iluu Abbaa Boor daawwachuun qophii qindeesse qaba.